Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tumsi taasifamu itti fufeera

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Dhaabbileen garaagaraa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tumsa taasisan itti fufaniiru.
 
Dhaabbanni Giloobaal Alliyaans jedhamu meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf galtee ta’an Birrii miiliiyona 11.5tti tilmaamamu Ministeera Fayyaaf arjoomeera.
 
Dhaabbanni ‘Kooyikaa’ jedhamus meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tajaajilan Doolaarra kuma 12tti tilmaamamu Hospitaala Yaadannoo Raas Dassitaa Daamxoof arjoomuu isaa ibsameera.
Dabalataan dhaabbanni Ijaarsaa Chaayinaa Huunaan jedhamu haguuggii fuulaa Birrii kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.
 
Tumsi taasifamaa jiru tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf godhamaa jiru cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Dooktar Liyaan dhaabbilee kanneen galateeffatniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.