Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaan booda faallamni qilleensaa sadarkaa olaanaan hir’isuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Waraana addunyaa 2ffaa as sadarkaa olaanaan faallamni qilleensaa baatii darbe keessa hir’isuu isaa qorannoon ifoomse.
 
Baatii darbe keessa hangi Kaarboondaay oksaayidaa qilleensatti gadi lakkifamuu %17 hir’isuu isaa Saayintistoonni damicharratti qorannoo taasisan ibsaniiru.
 
Jijjiirramani kun Waraana addunyaa 2ffaa as is olaanaadha jedhame.
 
Indiyaa fi Awrooppaan %26 fi 27 walduraa duubaan faallama qilleensaa hir’isuu isaanii qorannoon kun muul’iseera.
 
Haa ta’uutii bara Faranjootaa Eebila 30, 2020 booda hangi Kaarboondaay Oksaayidaa qilleensatti gadi lakkifamuu toonii miiliyoona 3.3 dabaleera jedhame.
 
Maddi:-Aljazeeraa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.