Fana: At a Speed of Life!

Wiiliyaam Ruutoon Saafaariikoom daddabarsa maallaqaa akka raawwatu waan eeyyamameef gamachuu isaanii ibsan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon mootummaan Ityoophiyaa Saafaariikoom moobaayilaan daddabarsa maallaqaa akka raawwatuuf eeyyamuutti gammachuu isaanii ibsan.

Sagantaa jalqabsiisa tajaajila neetiwoorkii dhaabbatichaa gaggeeffamerratti dhaabbatichi moobaayilaan daddabarsa maallaqaa akka raawwatu eeyyamamuufiin ifoomeera.

Kana hordofees Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon “Ummanni Keeniyaa wayitan gara Ityoophiyaa dhufu kana akkan raawwachiisuuf hojii manaa natti kennee ture.

Mootumman Ityoophiyaa tajaajila kana waan eeyyameef nan galateeffadha” jedhaniiru.

Saafaariikoom milkaa’inaa daddabarsa maallaqaa Keeniyaatti argate Ityoophiyaatti irra deebi’uuf akka hojjetu beeksiseera.

Ityoo Teelekoom kanaan dura tajaajila ‘Teelee Birr’ eegalchiisuun miliyoonota fayyadamtoota taasisuun kan yaadatamuudha.

Bisiraat Mallaseetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.