Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuu qaroomina bahaa Afrikaa Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 43 ijaaruf dhagaan bu’uura ka’aame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Wiirtuu qaroomina bahaa Afrikaa Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 43 ijaaruf dhagaan bu’uura ka’aameera.

Dhagaa bu’uurichaas itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Kolleejjii Poolii Teekinikii Jeneraal Wiingeetitti kaa’aniiru.

Aaddee Adaanach imala badhaadhinaa biyya keenya galmaan gahuuf sammuu qaroomeefi qulqulluu hojii uumuu, kalaqaa kalaquufi harkaa hojii uumuu danda’u horachuuf waan nu dandeessisu ni jajjabeessina jedhan.

Sirnicharratti kan argaman Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbiile Barnoota Olaanoo Dooktar Samu’eel Hurqaatoo Jeneraal Wiingeet Dabalatee wiirtuulee qaroominaa 7 doolaara Ameerikaa miliyoona 100 fi miliyoona 50’n deeggarsa bankii addunyaarra argameen ijaaramaanii yeroo qabametti akka xumuraman deeggersa gama keenya ni taasifna jechuu OBN gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.