Fana: At a Speed of Life!

Wixinee labsii misooma albuudaa irratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Amajjii 15, 2012(FBC) -Caffeen Oromiyaa wixinee labsii misooma albuudaa irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.

Caffeen Oromiyaa labsii misooma albuudaa lakkoofsa 19/1997 ba’e irra deebiin fooyyeessuf wixinee labsii ba’e irratti qaamoolee mootummaa, ogeeyyii seeraa fi bakka buutota waldaalee albuudaa waliin marii gaggeessaa jira.

Af yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon wixineen labsii tokko Caffeetti dhiyaatee osoo hin mirkanaa’in dura mariiwwanii fi yaadoota wixinicha gabbisan gaggeessuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Wixineen labsii misooma albuudaa fooyya’ee ba’e kun Abbaa Taayitaa Albuuda Oromiyaatti daayreektara eeyyamaa fi bulchiinsa albuudaa obbo Zawduu Taaddasaatin dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamaa jiraachuu isaa ragaan fuula Caffee Oromiyaa irraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.