Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii rakkoo harkifachuu proojektootaa furuu danda’u qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Wixineen labsii rakkoo harkifachuu proojektootaa itti fufiinsaan furuu danda’u qophaa’uun ibsame.

Waggoottan shanan darbanitti proojektoonni gurguddoon mootummaan hojjetaman 60 %70 osoo hin xumuramin hafuu isaaniin mootummaan Birrii biiliyoona 9 baasii dabalataaf akka saaxilamu taasiseera.

Akka qorannoon gaggeeffame agarsiisutti proojektoonni %30-50 ta’an baajata dabalataa %20- 30 gaafataniiru.

Proojektoonni baasiin dabalataa %60-160 itti bahe kan jiran yoo ta’an, baajata dabalataa % 400 gaafataniiru.

Qisaasa’ina kan hambisuuf jecha wixineen labsii sirna bulchiinsaa fi hoggansa proojektoota mootmmaa federaalaa qophaa’uun mana mareef dhiyaatee jira.

Wixineen labsii kun qisaasa’iina hambisuun proojektootni biyyattii bu’aa qabeessa akka ta’aniif kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Proojektoonni itti gaafatamummaa fi iftoomina akka qabaatanis ni gargaara jedhameera.

Akkasumas proojektoonni kamiiyyuu yeroo waliigaltee keessatti baasii fi qulqullina barbaaddamuun akka xumuramaniif sanada qophaa’e jedhame.

Wixineen labsii haaraan bulchiinsa fi hoggansa proojektoota kun proojektoonni yeroo qophii eegalanii hanga raawwiitti adeemsa jiru seeraan adda kan baasuu ta’uu daayreekteerri Plaanii fi Komishinii Misooma proojektootaa obbo Barakat Fisihaatsiyoon ibsaniiru.

Haalli raawwii, sagantaa fi ga’een qooda fudhattootaa wixinee labsii kana keessatti taa’ee jira jedhan.

Labsichi rakkoo qisaasa’iina baajataa fi qulqullinaa waggoottan darban proojektoota mootummaa keessatti mul’atan hambsuuf shoora olaanaa qaba jedhan obbo Barakat.

Akka qorannoon Komishinii Plaanii Biyyaaleessaa mul’isutti,waggoottan 14 darban keessa proojektoonni damee jallisii federaalaa qofti birrii biiliyoona 15 baasii dabalataa gaafataniiru.

Proojektoonni misooma daandiis birrii biiliyoona 32.3 mootummaa baasii dabalataa baasisaniiru.

Maddi:-DhPI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.