Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan sababa vaayrasii koroonatin imalaa ayyaana qillee naannolee walakkarraa taasifamu dhorkite

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Xaaliyaan sababa vaayrasii koroonatin imalaa ayyaana qillee naannolee walakkarraa taasifamu dhorkitetti.

Awrooppaan ayyaana qille fi bara haaraa simachuuf qophii taasisaa jirti.

Kanarratti hundaa’ee vaayrsiin koroonaa akka hin babal’anneef biyyoonni garaagaraa dhorkii dabarsaa jiru.

Kanneen keessaayis Xaaliyaan ishee tokkodha.

Dhorkaan Xaaliyaan keessee baatii Muuddee 12 hanga Muddee 27 ttis kan turudha.

Xaaliyaan dhorkaa kana kan keesseef sababa vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota 993 darbeerratti hundoofteeti.

Kunis biyyattitti ergaa vaayrasiichi muul’atee booda lakkoofsa guyyaatti  galma’ee keessaa isaa olaanaadha jedhameera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.