Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8 ol qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8 ol qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuu Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa ibse.

Korporeeshinichi bara oomishaa 2014/15’f xaa’oo kuntaala miiliyoona 12 fi kuma dhibba 8 fi kuma 76 fi 623 alaa bituu ibseera.

Kanneen keessaa baatii Amajjii hanga Caamsaa 22,2014tti xaa’oon biyyoo gosti garaagaraa kuntaalli miiliyoonni 9 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 29 fi 190 buufata Jibuutii ga’uu eereera.

Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 43 fi 689 gara biyya keessaatti imalchiifamuun qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu Hogganaan Sabquunnamtii Korporeeshinichaa obbo Gaashaaw Ayichiluuhim eeraniiru.

Gosti xaa’oo NPS bara oomishaa kanaaf Dhaabbata Oomishaa Xaa’oo Moorookoo OCP irraa bitame guutumaan guutuutti gara buufata Jibuutiitti imalchiifamuu dubbataniiru.

Gama biraatiin yuuriyaa kuntaala miiliyoona 5fi kuma 1fi 100 keessaa kuntaalli miliyoona 1fi kuma dhibba 953fi 670 marsaa afuriin buufata doonii Jibuutii dhaqqabuu kaasaniiru.

Guyyootaa 2 booda yuuriyaa kuntaala kuma 450 buufaticha ni ga’a jedhame akka eegamu kan eeran Obbo Gaashaawu, koorporeeshinichi barana xaa’oo biyyee miiliyoona 12, kubbaaniyyootaa idil addunyaa OCP fi Fartii Giloob jedhamaniirraa kan bitaman ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.