Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyoo Kuntaalli miiliyoonni 9.2 ol qonnaan bultootaaf raabsamaa jira – Korporeeshinicha

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Xaa’oon biyyoo Kuntaalli miiliyoonni 9.2 ol qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Xaa’oon biyyoo kun karaa waldaalee Hojii Gamtaan qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu himeera.
Hanga ammaatti Xaa’oon Biyyoo Kuntaalli miiyoonni 9.8 ol Jibuutii gahuu ragaan Korporeeshinii Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Dooniin Xaa’oo biyyoo Yuuriyaa jedhamu Kuntaala kuma 440 feete Jibuutii qaqqabuu korporeeshinichi ibseera.
Guyyaa Shan booda Dooniin Xaa’oo Biyyoo kuntaala kuma 822 ol feete Jibuutii ni geessiin kan eegamu ta’uu himeera.
Kana hordofee Guyyoota Shan booda xaa’oon biyyoo Jibuutii gahu kuntaala miiliyoona 10.7 kan ga’u ta’uu ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.