Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii hoggantoota Afrikaa tajaajila haala kanaan duraarra adda ta’een keessumeessuun barbaachisadha- Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Yaa’ii hoggantoota Afrikaa tajaajila haala kanaan duraarra adda ta’een keessumeessuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa  Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ibsan.

Haalduree Yaa’ii hoggantoota Afrikaa 35ffaa fi walga’ii mana maree raawwachiistotaa 40ffaa ilaalchisee marii miseensonni koree qophii biyyaalessaa irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Ka’umsa karooraa irratti qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Maricha kan gaggeessan Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon yeroo ammaa Ityoophiyaan yaa’ii fi walga’ii kana gaggeessuuf carraa argachuun ishee milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun haala kanaan dura adda ta’een tajaajila si’ataan keessummoota simachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa rakkoo keessoo ishee mudate hordofee duulli maqa balleessii irratti baname dogoggora ta’uu argisiisuuf carraa gaarii ta’uusaatiin hojiilee ciminaa fi qindoominaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.

Maricharratti ga’ee hojii fi itti gaafatamummaa manneen hojii koree biyyaalessichaarratti bal’inaan mari’atameera.

Haaluma kanaan buufata daandii xiyyaaraarraa eegalee hanga yeroo turtii isaaniitti keessumoonni yaaddoo nageenyaa tokko malee akka socho’an akkasumas rakkoon kenniinsa tajaajilaa akka hin mudanne taasisuurratti yaadni dhiyaatee irratti mari’atamuu himameera.

Korichi gama maraan hojii qindaa’aa hojjechuun maqaa gaarii Ityoophiyaa argisiisuu akka qabu eeramuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.