Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa kan keessummeessinu qajeelfama vaayrasii koroonaa hojiirra oolchuuni-Dooktar Liyaa

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)- Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf keessummoota dhufan irraa weerara Covid- 19 ittisuuf Protokoolii vaayrasii koroonaa sirnaan hojiirra oolchuuf qophiin barbaachiisu taasifamu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa himan.

Dooktar Liyaan akka jedhanitti, fayyummaa hirmaattoota yaa’iichaa eeguudhaaf guyyaa sana qorannoon vaayarsii koroonaa saffisaan ni taasifama.

Yaa’ii kanarratti dhiibbaa weerari vaayrasichaa uumuu danda’u dursanii ittisuuf protookoolii vaayrasii koroonaa sirnaan hojiirra oolchuun yaa’iichi haala gaariin akka xumuramuuf qophiin barbaachiisu xumuramuu himaniiru.

Hirmaattoonni yaa’ii kanaa hundinuu bu’aa qorannoo fi seertifikeetii talaallii isaanii qabatanii dhufuun dirqama jedhan.

Keessummoonni yeroo buufata xiyyaaraa galaniif hoteeloota qubatan keessatti, akkasumas guyyoota yaa’iichi gaggeeffamutti vaayrasii koroonaa ofiirraa ittisuuf of eegannoo gochuu akka qabaniis Dooktar Liyaan dhaamaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.