Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin abbootii seeraa naannoo Oromiyaa marsaa 3ffaa magaalaa Adaamatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Yaa’iin abbootii seeraa naannoo Oromiyaa marsaa 3ffaa magaalaa Adaamatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iichi mata dure ‘ qulqulliina  tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii abbootii seeraa naannoo Oromiyaa marsaa 3ffaa kanarraattis  anga’oonni mana murtii federaalaa, anga’oonni  Mana murtii waliigalaa Oromiyaa abbootii seeraa fi haqaa dabalatee abbootiin gadaa haadholiin Sinqee  argamaniiru.

Xiyyeeffannaan yaa’ii kanaas keenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, abbootiin seeraa qulqulliinaa  fi haqa qabeessummaan uummata tajaajilu akka qaban xiyyeeffatameera.

Dhimmoonni ragaa qabataamaadhaan hagam ilaalamuu akka qaban  qulqullina haqa qabeessummmaan hawaasa tajaajiluu, ragaalee sobaa qoratanii bira ga’uun haqaaf haqarrattii hundaa’uun keenniisa tajaajila haqa qabeessa mirkaneessuu kan jedhu irratti yaa’iichi gaggeeffamaa jira.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.