Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015(FBC)- Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan guyyaa har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu  eegaleera.

Yaa’ichi galma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afrikaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyaa har’aa irraa eegalee guyyoota 5’f kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Yaa’icharratti hirmaachuuf keessummoonni biyyoota garaagaraa Finfinnee gala jiru.

Haaluma kanaan jilli olaanaan Dhimmoota Teekinooloojii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amaandiip Siingiihifi Ministirri Ministeera Infoormeeshiniifi Diijitaalaayizeeshinii akkasumas Dubbi Himaa Mootummaa Maalaawii Goospeel Kaazaakoon Finfinnee galaniiru.

Keessummoonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan simatamaniiru.

Yaa’icharratti hirmaachuuf biyyoota garaagaraarraa hirmaattonni kumni 3 ol galmaa’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.