Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Caffee Gadaa Oromoo Walloo deebisanii hundeessuu gaggeeffame.

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Yaa’iin Caffee Gadaa Oromoo Walloo deebisanii hundeessuu gaggeeffame.

Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Addaa Oromoo Walloo akka beeksisetti, yaa’iin caffee Gadaa Oromoo Walloo deebisanii hundeessuu taa’ameera.

Yaa’ichaan sirna Gadaa Oromoo waggoota dheeraaf adda citee ture deebisuuf murtaa’era.

Waltajjichaan miseensonni Gadaa Oromoo deebisan namoonni 9 filatamaniiru.

Miseensonni kanneen Gadaan marsaa waggaa saddeet saddeetin akka hogganuu fi sirnichi bakkatti akka deebi’uuf akka hojjetan imaanaan irra kaa’ameera.

Yaa’ichaan saboota biroo waliin jaalala, waltumsaa fi obbolummaan hojjechuuf kallattiin kaa’ameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.