Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idilee marsaa 13ffaa federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa gaggeffame

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Yaa’iin idilee marsaa13ffaa federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa Magaalaa Mojootti gaggeffame.

Federeshinichi erga hundaa’ee hojiilee gurguddoo Oromiyaa keessaatti hojjechuu  walitti qabaa boordii Federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa  Obbo Asaffaa Lammaa yaa’icharratti ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddifataniif galtee qonnaa biyya alaatii galchuu fi oomishni  qonnaan bulaa gabaa akka argatuuf hojjechaa turuu eeraniiru.

Bara kanas hojii al ergii gama keenyaan hojjetameen  biyya keenyaaf sharafa biyya alaa Doolara kuma 600 ol argamsiisuu dandeenyerra jedhaniiru.

Oomishinni qonnaan bulaa gabaa giddugaleessatti akka dhiyaatuuf Magaalaa Finfinnee gabaa “markaato”tti lafa fudhachuun giddugala gabaa ijaaruun hojii eegaluus himaniiru.

Gama hojii inveestimeentii keessattis hojiilee milkaa’ina qabu hojjechuus kaasaniiru.

Bara kana hongee biyya keenya muudateen lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii miliyoona 2 ol taasisuu himaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.