Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin nageenya dubartoota addunyaa Kooriyaa Kibbaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Yaa’iin nageenya dubartoota addunyaa mata duree’ Ga’ee dubartootaa nageenya waaraaf’ jedhuun Kooriyaa Kibbaa Magaalaa Inchinitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Giiftii dureewwan, Hoggantoonni duraanii, Ministiroonni Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii, falmitoonni mirga namoomaa, bakka buutoonni waldaalee dubartootaa fi ogeeyyiin seeraa hirmaachaa jiru jedhame.

Yaa’ichi barnoota nageenyaa babal’isuu, aadaa nageenyaa gabbisuu fi dhimmoota nageenyaa biroorratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.

Waraana kutaalee addunyaarratti mul’atan dhabamsiisuuf dhimmi nageenya xiyyeeffannoo argachuu akka qabu Dura Teessuun Dhaabbata Nageenyaa Dubartoota Addunyaa Hiyuun Sook Yuun ibsaniiru.

Pireezidaantiin Neetwork Gamtaa Dubartoota Itiyoophiyaa Saabaa Gabremadihiinii fi Pireezidaantiin Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantii Itiyoophiyaa bakka bu’uun yaa’icharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Wandasan Araggaanyitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.