Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin waloo  Koomishinaroota  koomishinii Manneen Amala sirreessaa Fedeeraala fi Naannoolee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 17, 2015(FBC)- Yaa’iin waloo  Koomishinaroota  koomishinii Manneen Amala sirreessaa Fedeeraala fi Naannoolee magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichaan  amala sirreeffamtoota seeraa sirreessuun lammii misoomawaa uumuun akka barbaachisu eerameera.

Koomishinarri Koomishinii Manneen Amala sirreessaa Federaalaa Daammanaa Daarootaa, Mannii Amala Sirreessaa sirreeffamtoota seeraa ,sirreessuun jijjiirama biyyaaleessaa eegalame itti fufsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaa’ichi guyyoota3’f kan turu yoo ta’u, murtoo  yaa’ii waloo 14ffaa irratti darbe irratti ni mari’ata jedhameera.

Iyyoonaadaab Andu’aalemtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.