Fana: At a Speed of Life!

Yaalamwarqi Jambaruu badhaasa Birrii Miiliyoona 1 ‘Faanaa Laamroot’ injifatte

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Dorgommii xumuraa mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ marsaa 3ffaan Yaalam Jambaruu badhaasa Birrii Miiliyoona 1 ‘Faanaa Laamroot’ injifatte.

Dorgommiin xumuraa mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ marsaa 3ffaa galmaa Tiyaatiraa fi Aadaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Dorgommii kanarratti dorgommi kanaaf kan qaqqaban Dassaalanyi Abbabaa, Aluulaa Gabre’amlaak, Daani’eel Addunyaa fi Yaalamwarqi Jambaruu gidduutti morkii cimaan gaggeffameera.

Haaluma kanaan Yaalamwarqi Jambaruu 1ffaa ba’uun badhaasa dorgommichaa Birri miiliyoona 1 fi Waancaa kabajaa injifatteetti.

Dorgommii ‘Faanaa Laamroot’ Aluulaa Gabramlaak sadarkaa 2ffaan Daani’el Addunyaa 3ffaa fi Dassaalanyi Abbabaa 4ffaan xumuraniiru.

Dorgomtootaa 2ffaa hanga 4ffaa ba’an tokkoon tokkoo isaanii badhaasni Birrii kuma 300 kennameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.