Fana: At a Speed of Life!

Yakka hammaataa gareen ABUT Godaantootarraan ga’aa jiru hawaasni idil addunyaa balaalleeffachuu akka qabu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Yakka hammaataa gareen ABUT Godaantootarraan ga’aa jiru hawaasni idil addunyaa balaalleeffachuu akka qabu Ejansiin Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Ityoophiyaa waamichi dhiyeesse.

Godaantoota Eertiriyaa Maay Tsamri keessatti argaman ilaalchisee ejansichi ibsa laateera.

Godaantoota buufata Eertiriyaa Maay Tsamrii keessatti argaman kanneeniif hawaasni idil addunyaa deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka taasiisuu gaafatamuun kan yaadatamuudha.

Haalli Godaantoonni kunneen yeroo ammaa keessa jiraataan daraan sukkanneessaa ta’uu Ejansichi ibseera.

Gareen ABUT buufataalee kanneen keessa galuun hanga ammaatti namoota 6 ajjeesuu ragaan kan muul’isu ta’uu ibseera.

Garichi seera mirga namoomaa idil addunyaa cabsuun buufataalee baqqattootaa kanneen keessatti meeshaalee waraanaa gurguddoon haleellaa raawwachaa jiraachuu himeera.

Deeggarsa namoomaa, Ambuulaansotaa, ogeeyyii yaalaa fi bu’uuraalee misoomaa buufataalee kanneeniif qophaa’an tajaajila waraanaaf oolchaa jiraachuu fi kanneen hafan saamuu kaasaeera.

Godaantoonni lama hanqina tajaajila yaala Fayyaan du’uu isaanii ibseera.

Sagantaa nyaata addunyaa dabalatee dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa qabeenya saamaman kanneen ragaa qabaachuu eereera.

Godaantoonni buusii maallaqaa fi akaakuu waraanaaf oolu akka buusaan dirqisiisaa jiraachuu ibseera.

Hanga har’aatti dhaabbileen deeggartootaa Baqattootaa buufata godaantootaa Maay – Tsamrii keessatti argamaniif tajaajila laachuu akka hin dandeenya Ejansichi himeera.

Mootummaan Ityoophiyaa nageenya Godaantootaa eegsiisuuf murannoo qabu mirkaneessuu kaaseera.

Dhaabbileen idil addunyaa yakka sukkaneessaa raawwatamaa jiru baleeffachuu akka qabu Ejansiin Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Ityoophiyaa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.