Fana: At a Speed of Life!

Yakka Yakka biroon sirreessuuf yaaluun al-seerummaadha- Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Yakka Yakka biroon sirreessuuf yaaluun al-seerummaa ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa ibseera.

Yaa’ichi ibsa guyyaa har’aa laateen yakka manneen amantaa kiristiyaanaa Ortodoks Tawaahidoo fi hordoftoota amantaa Prooteestaantii naannoo Kibbaa godina Silxee magaalaa Waraabeetti raawwate balaaleffateera.

Yaa’ichi yakka dhaabbilee amantaa kanneenii fi hordoftoota amantichaarratti raawwate daran kan balaaleffatu ta’uu ibsa lateen himeera.

Gochichi barsiifata amantaa kamiiniyyuu fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.

Gochaa qaanessaa Eebila 20,2014 naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti raawwatame hordofee badii badiin, yakka yakkaan sirreessuuf yaalii taasifamu kan balaaleffatu ta’uu ibsa guyyaa kaleessaa baaseen yaa’ichi eeruun isaa kan yaadatamudha.

Yaa ta’uutii guyyaa kaleessaa gochaa godina Silxeetti raawwatameen daran gadduu himeera.

Amantaaleen hundi nageenya kan lallaban, kabaja kan barsiisanii fi kaan jiraachisuuf wareegama kan kaffalan ta’us kanneen maqaa amantaa fi amantaa daheeffachuun yakka raawwatan al-seerummaa fi yakka ta’uusaa hubachuun mootummaan seeraa fi olaantummaa seeraa akka kabachiisu yaa’ichi cimsee gaafateera.

Hordoftoonni amantaa islaamaas ta’e kiristiyaanaa yakki amantaa bu’uura godhachuun raawwatu kamiyyuu bu’uura kan hin qabne ta’uu hubachuun naannoo isaanii waloon akka eegan, rakkooleen kunneen deebi’anii akka hin uumamne itti gaafatamummaa isaanii akka ba’anii fi qaamolee yakkoota kanneen keessaa harka qaban seeratti dhiyeessuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjechuu akka qaban gaafateera.

Qaamoleen miidiyaa hawaasummaa garaagaraan ergaa jibbiinsaa fi walitti bu’iinsa jajjabeessan tamsaasuun rakkoo uumame babal’isuuf tattaaffii taasisaa jiran gochicharraa akka of qusatan Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.