Fana: At a Speed of Life!

Yakkamaan jaalallee isaa Saaniitaayizarii irratti firfirsuun ibddaan gubattee akka duutu taasiise murtoo du’aan adabame

Finfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) – Yakkamaan jaalallee isaa Sablee Nigusee jedhamtti Saaniitaayizarii irratti firfirsuun ibdaan gubattee akka duutu taasiise murtoo du’aan adabameera.

Himatamaan Daagimaawii Aragaawii jedhamu Mana Murtii Federaalaa Lidataa Ramaddii 1ffaatti Dhaddacha yakka ajjeechaa cimaan himatamuun falmiin gaggeeffamaa turuu Ministeera Haqaa Damee Abbaa Alangaa waliigalaatti Daayrektoreetiin yakkoota dhimma Dubartootaa fi Daa’immaanii ibseera.

Himatamaan kun Mudde 30, 2014 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa aanaa 04 mana jireenyaa isaa Hoteela Saareem dubaatti argamutti gochaa kana raawwachuu ragaan irratti qulqullaa’uu eerameera.

Yakkamaan yakkicha hin raawwanne jechuun mormus Ittisa dhiyeeffadhu jedhamerratti ragaa ittisaa dhiyeeffachuu dadhabuu isaan murtoon balleessummaa irratti darbeera jedhame.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha har’a ooleen himatamaan du’aan akka adabamu itti murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.