Fana: At a Speed of Life!

Yakkoonni fi sarbamni mirga namoomaa wayita walitti bu’iinsaa raawwatan sirnaan ilaallamuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Yakkoonni fi sarbamni mirga namoomaa wayita walitti bu’iinsaa raawwatan sirna haqaa idilee dabalataan sirna ce’umsaan haqaan mirkanaa’uu akka qaban Preezdaantiin Mana Murtii Waliigala Federaalaa Ma’aa Ashannaafii ibsan.
Ga’ee sirna haqaa wayita walitti bu’iinsaa fi waliitti bu’iinsa bood jiraachuu danda’u ilaalchsiee waltajjiin marii qopheessummaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalan gaggeeffamaa jira.
‘Manneen Murtii fi sirna ce’umsa haqaa wayita walitti bu’iinsaa fi boodaa’ mata duree jedhuun haala waqtaawaa Ityoophiyaa yeroo ammaa ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Wayita ce’umsaa barbaachisummaa hojiirraa oolmaa ce’umsa haqaa fi sirna haqaa idilee cinaatti haala hojiirra oolchuun danda’amurratti xiyyeeffachuun marii gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Waltajjii Itti aanaa Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa obbo Salamoon Araddaan durfamu kanarratti Preezdaantoota manneen murtii naannoo Amaaraa fi Afaar dabalatee hawaasni diyaaspooraa, akkasumsa ogeeyyiin seeraa fi hayyoonni argamuu EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.