Fana: At a Speed of Life!

Yeroo jijjiirramaatti olaantummaan seeraa murteessadha -hayyoota

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Yeroo jijjiirramaatti gufuulee mudatan olaantummaa seeratiin sirreessun murteessadha jedhame.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin hayyoonni turtii taasisan akka beeksisanitti, olaantummaan seeraa mirkanaa’uun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Hayyuun sooshaal aantirooppooloojii Proofeesar Gabree Inchiisoo fi hayyuun gaazexeessummaa fi dhimmoota Afrikaa Proofeesar Biruuk Hayluun Faanaa waliin turtii taasisaniiru.

Turtii isaanitiinis yeroo cee’umsaa keessa rakkoon mudatu bal’achaa akka hin deemnee fi balaa cimaan akka hin qaqqabne mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba jedhan.

Olaantummaan seeraa kabachiifamuun biyyi akka hin jignee fi lammiileerra miidhaa cimaan akka hin qaqqabne gargaaras jedhan hayyoonni lamaan.

Mootummaan gama hundaan tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimsuu qabas jedhan.

Miidiyaalee safuu Ityoophiyummaa cabsanirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhachuun barbaachisaa akka ta’es eeraniiru.

Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.