Fana: At a Speed of Life!

Yuunaayitiid Isteet Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran irraa haqxe

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Yuunaayitiid Isteet Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran irraa haqxe.
Embasiin Yuunaayitiid Isteet Kaartuum jiru Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran irraa ifatti haqamuu ishee beeksiseera.
”Waajirri haajaa alaa, Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaa jajjabeessan jalaa har’a Muddee 5 irraa eegalee akka haqamtu xalayaa beeksisu mallatteesseera, labsiin kun labsii mootummaa Federaalaa ta’ee ni baha” jechuun Embasichi fuula feesbuukii isaa gubbaatti ibseera.
Preezdaant Doonaald Tiraamp Onkololeessa darbe Sudaan balaa shorokeessummaa Al- Qaayidaan Eembasiiwwan Ameerikaa Keeniyaa fi Tanzaaniyaatti qaqqabsiiseen maatii miidhamtootaaf beenyaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 fi miiliyoona 35 yoo kaffalte tarree biyyoota shororkeessummaa hirphan keessaa ni baati jedhanii turan.
Muummeen Ministiraa Sudaan Abadallaa Hamdook gaaffii Tiraamp kanaaf maallaqichi kaffalameera deebii jedhu kennanii turan.
Biyyittiin tarree biyyoota shororkeessummaa hirphanii Yuunaayitiid Isteet keessatti kan hammatamte bara Faranjoota 1993 yeroo hoogganaan al-Qaayidaa Osaamaa Biin Laadeen keessummaa kabajaa biyyattii ta’uun jiraachaa turedha.
Taree san keessa biyyoota akka Iraan, Kooriyaa Kaabaafi Siiriyaatu jira.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.