Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu yeroo 12ffaaf barattoota muummeewwan garagaraatiin barsiisaa ture eebbise

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu yeroo 12ffaaf barattoota muummeewwan garagaraatiin barsiisaa ture eebbise.
Yuunivarsiitichi guyyaa har’aa barattoota kuma 2 fi 324 kan eebbise.
Eebba barattootaa kana irratti keessummaa kabajaa ta’anii kan argaman Koomishiinarri koomishinii Carraa Hojii Uumuu Feederaalaa obbo Nigusuu Xilaahun furtuu fi itti gaafaatamummaa adda fudhatan tajaajila hawaasaatiif akka oolchitan abdiin qabaa jedhan.
Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee, barnootni amma ittiin eebbifamtan qormaataa fi tajaajiloota hawaasaa keessaniif kennitaniif bu’uura ta’a jedhan.
Preezdaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahmad Kaliil Yuunivarsiitichi barnoota idileetiin cinaatti, qorannoo jireenya hawaasaa jijjiiran irratti hojii jabaa hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.