Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeenonniifi Waldaaleen qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf Oomishaalee dhiyaassaa jiru – EBWHGO

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Yuuniyeenonniifi Waldaaleen Hojii Gamtaa fayyadamtootaaf oomisha dhiyeessuun qaala’insa gabaa tasgabbeessaa jiraachuu Ejansiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise.

Walitti hidhaminsa gabaa Yuuniyeenotaafi fayyadamtoota Naannoo Oromiyaa fi Magaalaa Finfinnee gidduutti uumuun qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu ejansichi ibseera.

Qaala’insi gabaa muudate hawaasa galii gadaanaa qabu irratti miidhaa akka hin qaqabsiifne walitti hidhaminsa gabaa yuuniyeenotaafi fayyadamtoota gidduutti uumuun hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Itti Gaafatamaan Ejensichaa Obbo Tasfaayee Waaqjiraa ibsaniiru.

Ayyaana gurguddaa fuuldura tibba dhufu kabajamaniin wal qabatees qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf Biiroo Qonna Oromiyaa, Biiroo Daldala Oromiyaafi Waldaa Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun oomishaaleen garaa garaa fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifamuu eeraniiru.

Kuduraafi muduraa, bu’aawwan loonii dabalatee oomishaaleen garaagaraa gatii madaalawaan magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota 100 keessatti Yuuniyeenonniifi Waldaaleen Hojii Gamtaa dhiyeessaa jiraachuu ibsameera.

Hojiin qaala’insa gabaa uumame tasgabbeessuuf bifa adda ta’een eegalame hanga ayyaanni Faasikaafi ayyaanni Iid-Alfaxir darbuutti kan itti fufu akka ta’ees eeramuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.