Fana: At a Speed of Life!

Ziinaddiin Ziidaan leenjisummaarraa gaggeeffaman

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Leenjisaan Riiyaal Maadriid Ziinaddiin Ziidaan leenjisummaarraa gaggeeffameera.
Ziidaan Kilabicha gadi lakkisuuf xaalayaa erga galfatee booda gaaffiin isaa fudhatama argachuun gaggeeffameera.
Ziinaddiin Ziidaan kilabicha erga leenjisuu eegalee Waancaa Awurooppaa 3, Laaligaa Ispeen 2, Waancaa Kilaboota addunyaa 2, Suuppar Kaappii Awurooppaa 2, Suuppar Kaappii Ispeen 2, waliigala Waancaa 11 moo’ateera.
Ziidaan bara Faranjootaa 2018 leenijsummaa kilabichaarraa erga gaggeeffamee baatii 10 booda gara deebi’uun isaa kan yaadatamuudha.
Leenjisaan Inter Miilaan Antoonihoo Koonteenis leenjisummaarraa gaggeeffamuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.