Fana: At a Speed of Life!

Beeniinitti balaa Ibiddaa Kuusaa boba’aarra qaqqabeen lubbuun namoota 35 darbe

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Beeniinitti balaa Ibiddaa Kuusaa boba’aarra qaqqabeen lubbuun namoota 35 darbuu gabaafameera.

Balaan Ibiddaa kun magaalaa Seemee Poodijjii daangaa Beeniinii fi Naayijeeriyaatti argamtutti Kuusaa Boba’aa seeraan alaa tokkorratti qaqqabuu ibsameera.

Balaa kanaan daa’ima tokko dabalatee lubbuun namoota 35 darbuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu eerameera.

Namoota hedduurra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu Al Jaziiraan gabaaseera.

Boba’aan seeraan ala kuufame balaa kanaaf sababa ta’uu Ministeerri dhimma Biyya keessaa Beeniin ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.