Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti Gamoo Jige keessaa namoonni 11 lubbuun argaman

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Afrikaa Kibbaatti Gamoo Guddaa Jige keessaa namoonni 11 lubbuun argamuu ibsameera.

Afrikaa Kibbaa magaalaa Joorjitti Gamoo Guddaan Ijaaramaa turu waayita Jigu hojjettoonni 75 keessa akka turan ibsameera.

Lubbuu hojjettoota kanneenii baraaruuf hojiin barbaachaa hojjetamaa turuu himameera.

Hanga ammaattis hojjettoonni 11 lubbuun argamuu fi 7 ammoo du’uu isaanii mirkanaa’uu ‘Africa News’ gabaaseera.

Yeroo ammaa hojjettoota 30 jijjiga Gamoo keessatti argaman lubbuu baraaruuf yaaliin taasiifamaa jiraachuu himameera.

Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’us eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.