Fana: At a Speed of Life!

Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 27ffaan taphni Maanchiister Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasiisan ni eegama

Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 27ffaan taphni Maanchiister Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasiisan ni eegama

Finfinnee, Guraandhala 23, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 27ffaan taphni Maanchiister Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin Boru galgala sa’aatii 12:30 eegaluun taasiisan hawwiin eegama.
Taphoota Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 27ffaan har’a taphoonni 7 ni taphatamu.

Waaree booda sa’aatii 12:00 irraa eegalee Bireentifoord Cheelsii, Eevartan Weestahaam Yuunaayitiid, Fuulhaam Biraayitan, Niwuukaastiil Woolvis, Notiingihaam Forest Liivarpuul, Tootanihaam Kiristaal Paalaas waliin yoo morkatan, Luutan Taawoon sa’aatii 2:30 eegalee Astoon Viilaa waliin ni taphata.

Taphni Boru galgala sa’aatii 12:30 eegalee Maanchiister Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphatu hawwiin eegama.

Erga bara faranjootaa 2020 kilabni lamaan taphoota waliin taphatan 12 keessaa Siitiin yeroo torba yoo injifatu,Yunaayitiid ammoo yeroo afur injifachuun yeroo tokko qixa bahaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.