Fana: At a Speed of Life!

Siwiidin lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif kan oolu deeggarsa Birrii biiliyoona 1.2 ol murteessite

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Siwiidin lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif kan oolu deeggarsa Birrii biiliyoona 1.2 ol gama dhaabbilee deeggartootaan akka qaqqabu murteessite.
Biyyattiin lammiilee nyaanni, Bishaan, bakki jireenyaa, eegumsi fayyaa isaan barbaachisu tumsuuf murannoo qabaachuu ibsiteerti.
Gama dhaabbilee deeggartootaan hanga bara Faranjootaa 2024tti taatewwan mudatan 30 oliif deebii laachuuf kan oolu Kiroonaa Siwiidiin biiliyoona 4.3 kennuu himameera.
Birriin biiliyoonni 1.2 yookaa Kiroonaan Siwiidiin miiliyoonni 238 lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiran tumsuuf kan oolu ta’uu ragaan Embaasii Siwiidin Finfinneetti argamurraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.