Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Baajata dabalataa Birrii biiliyoona 21 raggaasiise

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Manni Maree Magaalaa Finfinnee Yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 3ffaa gaggeesseen Baajata dabalataa Birrii biiliyoona 21 raggaasiiseera.
Baajata ragga’e keessaa Birriin miiliyoonni 909 Baajata Idilee yoo ta’uu, Birriin biiliyoonni 20.8 Baajata Kaappitaalaa ta’uu eerameera.
Manni Maree magaalaa Finfinnee bara hojii 2016’f baajataa Birrii biiliyoona 140 raggaasisuun kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.