Fana: At a Speed of Life!

Hanqinoota jiran guutuun waadaa ummataaf galle hojiiraa oolchuuf ni hojjenna –Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Hanqinoota jiran guutuun waadaa ummataaf galle hojiiraa oolchuuf ni hojjenna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Bulchiinsi magaalichaa raawwii hojii baatiwwan 9’n darbanii gamaaggama jira.
Aadde Adaanech Abeebeen waltajjicharratti hasaawa taasisaniin, baatiiwwan saglan darbanitti hojiileen misooma jireenya hawaasa fooyyessan yeroo qabameefitti xumuruun mul’ata haaraa hojiiraa oolchineera jedhan.
Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e hordoffuun qindoominaa hoggansaa guddisuun kallattiin hordofne bu’aa qabessaa nu taasiseera jedhan.
Gara fulduraattis hanqinoota guutuun waadaa ummataf gallee hojiiraa oolchuuf ni hojjennaa jechuu ragaan Waajjira kantibaarraa argamee ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.