Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Maxxansaa Jaappaan Itiyoophiyaatti hojii maxxansaa eegaluufi

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Warshaan Maxxansaa Jaappaan ‘Tooppaan Giraaviitii’ jedhamu Itiyoophiyaatti hojii maxxansa paaspoortii, waraqaa eenyummaa dijitaalaafi kaardii ATM maxxansuu eegaluuf ta’uu ibsameera.

Warshaa paaspoortii, waraqaa eenyummaa dijitaalaafi kaardii ATM Itiyoophiyaa keessatti oomishamu ijaaruuf sagantaan hojii eegalchiisuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaatti gaggeeffameera.

Ijaarsi warshichaa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti gaggeeffama jedhame.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimed Shiidee,Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuufi hoggansi olaanoo biroon ijaarsa warshichaa eegalchiisuu
ibsameera.

Warshichi teeknooloojii fi muuxannoo biyya Jaappaan fayyadamuun ‘E_ paaspoortii, Visa Master Card’ fi Kaardiiwwan kaffaltii garaa garaa akkasumas maxxansaalee barnootaa iccitiin isaanii eeggamuu qabuu ni oomisha jedhameera.

Zaman Bayyaneetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.