Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Bishaanii biyyoota IGAD har’a eegalama

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Yaa’iin Ministiroota Bishaanii biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa har’a eegalama.
Ministiroonni biyyoota kanneen yaa’icharratti hirmaachuuf Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaa kan galan yoo ta’uu, yaa’ichi Aanaa Shabaleetti gaggeeffama jedhame.
Yaa’ii guyyoota lamaaf turu kanaan haala itti fayyadama Bishaan lafa jalaa daangaa ce’aa irratti mariin ni gaggeeffamaan eegama.
Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayehu dabalatee Ministiroonni Bishaanii, Jibuutii, Keeniyaa, Ugaandaa fi Sudaan Kibbaa yaa’icharratti hirmaachuuf Magaalaa Jigjigaa seenuu eerameera.
Gohi Nigusuutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.