Fana: At a Speed of Life!

2020tti addunyaarraa iddoowwan daawwatamuu qaban 50 keessaa takka Finfinnee ta’uun ibsame

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Bara Faranjootaa 2020tti addunyaarraa iddoowwan daawwatamuu qaban 50 keessaa takka magaalaa Finfinnee ta’uun ibsame.

Marsariitiin odeeffannoo imalaa baasu; ‘Traavil eedn Leeyzhar’ bara Faranjootaa 2020tti addunyaarraa iddoowwan daawwatamuu qaban 50 keessaa magaalaa Finfinnee tokkoffaa gochuun filateera.

Bara kana badhaasa Noobeelii Nageenyaa kan fudhatan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, Paarkiin Tokkummaa msaraa mootummaa keessatti ijaarsisuun daawwidhaaf ummataaf banaa taasisan iddoo daawwii magaalichaa haaraa ta’eera jedha marsariitichi.

Ijaarsi babal’isuu kan hojjetameef Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an jijjiirrama magaalattii hubachuu danda’us jedha.

Godahambaan naannoo Bakkanniisaatti ijaarrame ammoo magaalattiin teessoo Afrikaa ta’uu calaqqisiisa jedheera.

Finfinneetti aansee iddoowwan Peeruu, Ameerikaa, Oostiriyaa fi Meeksiikootti argamaniif sadarkaa lammaffaadhaa amma 5ffaa laatera

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.