Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii Dirree Dawaa guyyaa boruu eegalee konkolaattota gurgudoorra daangeffama yeroo kaa’e

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Dirree Dawaa guyyaa boruu eegalee konkolaattota gurgudoo magaalicha keessa socho’an irra daangeffama yeroo kaa’uu beeksise.
Komishinichi rakkoo nageenya tiraafikaa magaalichaa hir’isuuf daangeffama yeroo kaa’uu ibseera.
Haaluma kanaan guyyaa boruu eegalee ganama sa’aatii 12 hanga galgala sa’aatii 12tti konkolaattonni gurguddoon magaalicha seenuu fi magaalaa keessa socho’uu akka hin dandeenye ibsameera.
Konkolaattoonni kunneen magaalicha seenuu fi keessa socho’uu kan danda’an galgala sa’aatii 12 booda hanga barii sa’aatii 12tti qofa ta’uu ragaan komichinicharraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.