Fana: At a Speed of Life!

Baankichi qorannoo baankii idil addunyaa isaa taasisuu dandeessisuu eegale

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa qorannoo baankii idil addunyaa isaa taasisuu dandeessisuu eegalu ibsameera.

Kaappitaalli kuufamasaa Birrii biiliyoona 700 ol kan qaqqabee Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa qorannoo baankii idil addunyaa isaa taasisuu dandeessisuu eegalchiiseera.

Calbaasii qorannichaaf ba’ee hirmaannaa dhaabbilee idil adduunyaa 4 baankii indaastiriitti muuxannoo fooyya’aa qaban hirmaachuun  dhaabbannii ‘Naakaanzii’ jedhamuu qorannichaa gaggeessuuf moo’achuu ibsameera.

Preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Abbee Saanoo akka ibsanitti, qorannichaan baankiichi baankii idil addunyaa hojiiwwan dorgomaa fooyya’aa taasisuurratti xiyyeeffannoo ni taasisaa jedhaniiru.

Qorannichi dhimmoota liqa laachuu, maallaqa kaa’uu fi kaffaluu, itti fayyadamaa teeknooloojii, humna namarratti xiyyeeffaachuun akka gaggeessuu beeksisaniiru.

Dhiyeessi faayinaansii baankichaa amansiisaa taasisuuf qorannichi tumsa ofiisaa akka taasisuu preezdaantichi ibsaniiru.

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa qabeenyaa Birrii biiliyoona dhibba 9 fi biiliyoona 35 akka qabu ragaaleen ni muul’dhisu.

Sagantaa jalqabii qorannoochaarratti bakka buutonni baankii addunyaa, hoggantoonni baankii daldalaa Ityoophiyaa, miseensoota boordichaa fi qaamolee waamichi taasifameef argamuu ibsameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.