Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan qabatetti akka turu kan taasifame uummanni Tigraay irra deebiin yeroo qalbeeffannaa akka argatuufi-TKM

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan qabatetti akka turu kan taasifame uummanni Tigraay irra deebiin yeroo qalbeeffannaa argachuun eenyummaa sirrii garee shororkeessaa ABUT akka baruuf ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Hawaasni Naannoo Tigiraayii fi lammiileen Tigiraayi Naanoolee biroo jiraatan miidhaa gareen shororkeessaa  uummaticharraan gahe lammata akka hin mudanneef gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Hojii deebisanii bayyanachiisuu bakkeewwan waraanaan miidhaman keessatti caasaalee mootummaa sadarkaa godinaa fi aanaa bifa haaraan gurmaa’anii hojiitti galanii jiraachuu ibsaniiru.

Caasaan sadarkaa gandaa hundeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa suphamanii hojiitti deebi’aa jiru jedhan.

Miidhaan badii qabeenya irra gahee cimaa ta’uusaarraan kan ka’e hojii deebisanii bayyanachiisuu irratti hunduu cimuu qabu jedhan.

Naannoleen biroo Naannolee sababii waraanaatiin miidhaman  deeggaruun bayyanachiisuu qabu jedhaniiru.

Dinagdee fi qabeenya miidhame dandamachiisuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.

Komaandipoostii keessatti namoonni to’annoo jala oolan hojii isaaniitti gaabbuu fi yakka raawwatan keessatti  gaheen isaanii gadi’aanaa ta’e gadhiifamaa jiraachuu himaniiru.

Akka Addunyaatti Vaayireesiin koronnaa dabalaa waan jiruuf ayyaana fuula duraa jiru kana yeroo kabajnu qajeelfama ministeerri Fayyaa fi Instiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa waliin baasan bifa eegeen ta’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.