Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 14.2 ol galmeessan eeyyama fudhachuun hojiitti galan

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 14.2 ol galmeessan eeyyama fudhachuun hojiitti galuu Waajjirri Indaastirii fi Invastimantii magaalichaa beeksiise.
Qonnaan bultoonni kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 23 ol galmeessaniis eeyyama invastimanitii fudhachuun hojiilee misoomarratti bobba’uu isaaniis wajjirichi ibseera.
Waltajjiin damicharratti xiyyeeffate har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Baatiwwan jahaan darban Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 14.2 ol galmeessan eeyyama fudhachuun hojiitti galuu isaanii Itti gaafatamaan Waajjira Indaastirii fi Invastimantii magaalichaa obbo Turaa Gizaw ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen damee hojii irratti bobba’aniin hojii dhabeeyyii kuma 44f carraa hojii uumuu isaanii dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni 800 waldaalee 5 jalatti gurmaa’aan kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 23 ol galmeessan filannoowwan invastimantii garaagaraarratti bobba’uu isaaniis obbo Turaan himaniiru.
Magaalattii Invastimantiif majattuu taasiisuun abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultootaaf kaartaa mirkaneessa abbaa qabeenyummaa lafa yeroon laachuun gara hojiitti akka galan taasiifamuu Kaantibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen himaniiru.
Qonnaan bultoota gara Invastaraatti ce’aniif lafa hektaara 85 darbarsuu isaanii eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.