Fana: At a Speed of Life!

Manni Maricha haleellaa gareen Shanee lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haleellaa gareen Shanee iddoolee garaagaraatti lammiilee nagaarratti raawwate balaaleffateera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haala waqtawaa biyyaalessaa ilaalchisee hoggantoota qaamolee nageenyaa waliin mari’ateera.
Haleellaa garichii fi fakkaattoonni isaa iddoolee garaagaraatti lammiilee nagaarratti raawwatan cimsee balaleeffateera.
Mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegale cimsee itti fufuu akka qabu hubachiiseera.
Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI dhimmoota qabeenya diinagdee, Siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbiirratti bala’inaan mari’ataniiru.
Qormaatilee yeroo ammaa akka biyyaatti muudate ce’uuf miira tokkummaan dhaabbachuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Manni marichaa ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.