Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti tajaajilli tola ooltummaa Ganna 2015 eegale

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)- Sagantaan jalqabbii tajaajila tola ooltummaa Ganna 2015 Sadarkaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaatti gaggeeffameera.

Qondaaltonni naannichaa fi dargaggoonni adda dureen sagantaa jalqabbii tola ooltumma kanarratti argamaniiru.

Sagantichaan biqiltuu dhaabuu, manneen harka qalleeyyi haaromsuu fi arjooma dhiigaa gaggeeffamuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo Oromiyaatti tola ooltummaa Gannaan dargaggoonni miiliyoona 9.5 akka hirmaatan ibsameera.

Kanaanis kutaalee hawaasaa miiliyoona 23 ol fayyadamtootaa taasisuuf karoorfamuun ibsameera.

Tajaajila tola ooltummaan tajaajillii Birrii biiliyoona 3.3tti tilmaamamu kan kennamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.