Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Mahaammad Al Aruusii galateeffatan

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee waltajii idil addunyaarratti waa’ee hidha haaromsaa fi dhimmoota walqabatan irratti Ityoophiyaa bakka bu’uun ejjennoo ishee kan beeksiisan mana Mahaammad Kamaal Al Aruusiitti argamuun galateeffataniiru.

Baatiin Ramadaanaa wayita Sooma gaarii akka ta’uuf Mahaammad Kamaal Al Aruusii fi maatii isaaf hawwii gaarii hawwaniiru.

Waltajjii addunyaarratti waa’ee Ityoophiyaa kan falme Mahaammad Kamaal Al Aruusiif Ityoophiyaan kabaja addaa qabdi jechuun leellisaniiru.

Maqaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen ergaa baga ittiin si ga’e dabarsaniiru.

Wayita Baatii Ramadaanaa waandanda’amu hundaan walcinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.