Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom naannoo Kibbaa damee Kibba Lixaatti tajaajila 4G LTE Advaansiid eegalchiise

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom naannoo Kibbaa damee Kibba Lixaatti tajaajila 4G LTE Advaansiid eegalchiisuu beeksiise.
Magaalaa Walaayitaa Sooddoo, Walqixxee, Jiinkaa, Aarbaa Minci, Buttaa Jiraa, fi Hoosaa’iinaatti ifatti eegaleera.
Jiraattoota kuma dhibba jahaa ol fayyadamoo taasiisa jedhameera.
Tajaajila 4G LTE advaansiidii kutaalee biyyattii garaagaraatti babal’isuun cimee itti fufu hojii gaggeessituu olaantuun Ityoo Teeleekoo aadde Fireehiyiwat Taammiruun ibsaniiru.
Hojiin tajaajila babal’isuu galii dhaabbatichaa guddisuurra darbee magaaloota misoomsuu, carraa hojii uumuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu fi sosochii guyyaa guyyaa saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Ityoo Teeleekoom naannoo magaaloota 103 keessatti tajaajila 4G LTE Advaansiid hojiirra oolchuuf karoofatee hojjechaa jiraachuu aadde Fireehiyiwat ibsaniiru.
Haymaanoota Iyyaasuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.