Fana: At a Speed of Life!

Sirni kadhannaa guyyaa Kamisaa fi Ifxiriin Ramadaanaa waloon gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Qopheessummaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen Sirni kadhannaa guyyaa Kamisaa fi Ifxiriin Ramadaanaa waloon gaggeeffameera.
Sirni kadhaanna hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa guyyaa Kamisaa fi Ifxiriin hordotoota amanataa Islaamaa eda galgala magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayi Laayitiitti waloon gaggeeffameera.
Sirnicharratti itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Preezdaantiin Koolleejjii Afuuraa mana Amantaa Ortodoksii Qiddisti Silaasee Abunee Filiiphoos, Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis, Preezdaantiin Gamtaa manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Paasteer Tsaadiquu Abdoo, hoggantoonni dhaabbilee amantaa fi bakka buutoonni hordoftoota amantaalee garaagaraa hirmaataniiru.
Ityoophiyaan biyya amantaaleen, Sabaa fi Sablammoonni garaagaraa fi Afaanoonni adda addaa garaagarummaa malee tokkummaan keessa jiraatan ta’uu aadde Adaanach dubbataniiru.
Waldanda’uu, walkabajuu fi tokkummaan keenyaa caalmaatti cimee itti fufu qaba jedhan.
Saganticharratti hoggantoonni dhaabbilee amantaa ergaa jaalalaa, tokkummaa fi waldanda’uu dabarsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.