Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Itoophiyaa badhaasa biiznasii Aawut luuk Gloobaalii bara 2019 injifate

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Badhaasa Biiznasii Aawut luuk Gloobaalii bara 2019 injifateera.

Badhaadhasicha injifachuusaatiin bankoota Afrikaa kibbaa fi Naajeeriyaatti aanuun Afrikaarraa 3ffaa ta’u danda’eera.

Baankichi imala waggoota 77 booda badhaasa idil addunyaa injifachuun isaa kan jalqabaati jedhameera.

Preezdaantiin Baankii Daladala Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaa, baankichi waggoota hedduuf bu’aa qabeessummaan itti fufuun, waliinga’iinsaa guddisuu, lakkoofsi maamiltoota isaa dabalaa deemuu fi tajaajila ga’aa kennuu isaan badhaafamaa ta’u danda’eera jedhan.

Yeroo itti aanuun damee baankii diijitaalaan cimee hojjachuun gama hundaan dorgomaa ta’uuf hojiilee garagaraa hojjachaa jira jedhan.

Obbo Baacaan badhaasni kun badhaasa maamiltoota baankichaa fi uummata Ityoophiyaa hundaa ta’uu ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.