Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Agarsiisniif Baazaariin “Itiyoophiyaan haa oomishtu, nutis haa bitannu” jedhame baname

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Agarsiisni fi Baazaariin mata duree “Itiyoophiyaan haa oomshtu nutis haa bitannu” jedhu banameera.
Agarsiisichi Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinneen kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Agarsisichi bakka Ministirri Ministeeraa Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal fi Itti Aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalichaa Obbo Jaanxiraar Abbay dabalatee hoggantoonni ol’aanoon Bulchiinsa Magaalicha biroon argamanitti banameera.
Sagantaa Agarsiisaafi baazaarii kana irratti dhaabbileen oomishtootaa 200 ol ta’an oomishaafi kalaqa kan itti beeksisaniifi hirmaatan ta’un eeraameera.
Agarsiisniifi baazaariin oomishtootaa kun guyyoota 4’f kan kan turu ta’u AMN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.