Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen kantiibota magaalota biyyoota Afrikaaf muuxannoo qoodan

Finfinnee, Amajjii 17, 2015(FBC)- Kantiiban magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Fooramii Innisheetiivii Hoggansa Kantiibummaa Afrikaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jirurratti muuxannoo magaalaa Finfinnee kantiibota magaalota biyyoota Afrikaa garaagaraaf qooduu ibsame.

Fooramicharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee kantiibonni magaalota Adaamaa, Baahirdaariifi Dassee hirmaataniiru.

Magaalonniifi kantiibonni Afrikaa Ashaaraa dhaloota har’aa qofa osoo hin taane kan dhalootaa dhalootatti darban kaa’aa deemuu, karoorawwan gurguddoo karoorsuu akka qabaniifi magaalota jiraattotaafi mijatoo taasisuun jijjiirama galmeessisaa uummata isaanii tajaajiluu akka qaban kaasaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Akiinuumii Adeenisyaan haasawaa fooramicharratti taasisaniin, Baankiin Misooma Afrikaa magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuuf magaalotaaf liqii yookaan ammoo tumsa maallaqaa kan eegalu ta’uu ibsuu ragaan waajjira kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muli’sa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.