Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Proojektii Daandii Addabaabayii Puushkiinii – Gootaraa daawwatan

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC) – Itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ijaarsa Proojektii Daandii Addabaabayii Puushkiinii – Gootaraa daawwataniiru.
Proojektichi raawwii gaariirratti argamuu ibsameera.
Dhagaa bu’uuraa kaa’uu qofa hin taane qabatamaan raawwachuu Proojektii ifatti agarsiise ta’uu aadde Adaanach wayita daawwannaa dubbataniiru.
Fedhii bu’uuraalee misoomaa magaalichaa guutuun Finfinnee akka maqaa ishee hawwattu fi miidhagduu taasiisuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Raawwiin Proojektichaa % 72.3 irra ga’uu kan ibsame yoo ta’u baatii itti aanu keessa Proojektii daandii Daandii Addabaabayii Puushkiinii – Gootaraa tiraafikaaf banaa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Proojektichi Kiiloo Meetira 3.8 kan dheeratu ta’uuu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.