Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachii fi Abunee Maatiyaas iddoo kabajaa ayyaana daamaraa addabaabayii Masqalaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)-Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abunee Maatiyaas iddoo kabajaa ayyaana daamaraa addabaabayii Masqalaa daawwataniiru.

Daawwanicharratti hoggantoota hojii olaanoo magaalicha dabalatee abbootin amantaa Ortodooksii argamaniiru.
Ijaarsi proojakticha biyyaattif faayidaa olaanaa akka qabuus aadde Adaanach dubbataniiru.

Addabaabayichi yeroo ammaa kanas kabajaa ayyaana daamaraaf akka ta’uutti qophaa’uu Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas dubbataniiru.

Wayita ammaa kanas iddichi kabajaa ayyaana daamaraa qophii ta’uu kan ibsame yoo ta’u, sababa weerara vaayrasii koroonatif namoonni hamman xiqqatan irratti akka argaman ibsameera.

Ijaarsi proojakticha erga eegalee baatiiwwan 3 kan lakkoofsise ta’uus ariitiin xumuramaa jiraachuu aadde Adaanach ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.